🇺🇸 Ameerikaan waraana hin feetu, garuu Iraan Ulaa Hormuz akka cuftu hin heyyamnu jedha Pentaagon.Qondaalonni Pentaagon Iraanittis dhaadatan.Maal faatu jedhame?

By Oromkiya Ahmed
6th May, 2026

‎Ministirri ittisaa US Piit Heegseetii fi qondaalli waraanaa olaanaan Daan Keen Peentagonirraa miidiyaaf ibsa kennan.

‎Hegseet Ameerikaan "waraana hin feetu" garuu Iraan "oomisha biyyoota fayyaaleyyii addunyaatti ulaa bishaanii idil-addunyaa akka cuftu hin heeyyamnu" jedhan.

‎Oppireeshiniin waraanaa "Project Freedom" Guraandhala 28 eegalame kan addaati. Oppireeshiniin kun ergama "ulaa daldalaa fayyaalessa weerara Iraan irraa tiksuu dha," jedhan.

‎Piit Hegseet, waliigalteen dhukaasa dhaabuu US fi Iraan "hin xumuramne", jedhan. Haa ta'uu malee, Wixata US fi Iraan Ulaa Hormuz keessatti haleellaa raawwachaa jiru.

‎Hegseet, Iraan ulaa sana keessatti "saamicha idil-addunyaa" raawwachaa jirti, sun garuu oppireeshinii "Project Freedom" jedhamuun ni dhaabbata jedhan.

‎Ameerikaan ulaa kana mallattoolee "diimaa, adii fi cuquliisa" kaayuu ibsan. Dooniiwwan daldalaa US lama Wixata ulaa kanarra cehuu fi kunis Ulaan kun "yaaddoo irraa bilisa ta'uu" agarsiiftuu dha jedhan.

‎Afyaa'iin Paarlaamaa Iraan Mohammad Gaalibaaf "US nageenya imala doonii fi geejjiba galaanarraa balaarra buusuu ibsanii turan.

‎Iraan yoo oppireeshinii ''Project Freedom'' danqite waraana ishee muddutu ishee eeggata jedhan.

‎US olaantummaa waraana keessatti qabdu cimsitee itti fufteerti jedhan.

‎

Tags:

This site was designed with Websites.co.in - Website Builder

IMPORTANT NOTICE
DISCLAIMER

This website was created by a user of Websites.co.in, a free instant website builder. Websites.co.in does NOT endorse, verify, or guarantee the accuracy, safety, or legality of this site's content, products, or services. Always exercise caution do not share sensitive data or make payments without independent verification. Report suspicious activity by clicking the report abuse below.

WhatsApp Google Map

Safety and Abuse Reporting

Thanks for being awesome!

We appreciate you contacting us. Our support will get back in touch with you soon!

Have a great day!

Are you sure you want to report abuse against this website?

Please note that your query will be processed only if we find it relevant. Rest all requests will be ignored. If you need help with the website, please login to your dashboard and connect to support